VIO-SWO
VIO-SWO
Moa Buba
Kurfii RSWO - Dilbata Onkoloolessa 10, 2021
28 minutes Posted Oct 11, 2021 at 1:47 am.
0:00
28:23
Download MP3
Show notes

Dhukaasa Oromoota Jimaata Onkoloolessa 8, 2021, Konyaa Gujii Bahaa, Ona Gumii Eldalloo, Ardaa Qaallittii keessatti, Irreeffannaaf bobba’an irratti, LMKIIn banameen, Sirni Irreechaa sun goolamuun addaan bittinneeffamuu; Oromoonni Irreeffachuuuf ba’an muraasnis achi-buuteen isaanii hanga guyyaa har’aatti kan hin beekamin ta’uu.


Ajjeechaan qabata deggersa WBOtiin, Uummata Oromoo irratti, keessattuu, dargaggoota Oromoo irratti fuuleeffachuun, LMKIIn raawwatamu, Konyaa Lixa Wallaggaa keessatti,  akka-malee hammaatee jiraachuu. Haaluma kanaan, Onoota Konyaa Lixa Wallaggaa keessatti argaman kanneen akka: Aayiraa, Ganjii fi Sayyoo Noolee keessatti, yeroo dhihoo asitti, dargaggoonni Oromoo baay'inaan 17 olitti tilmaamaman ajjeefamuu.