VIO-SWO
VIO-SWO
Moa Buba
Sagantaa RSWO - Kibxata Hagayya 31, 2021
35 minutes Posted Sep 2, 2021 at 5:17 pm.
0:00
35:29
Download MP3
Show notes

Lola hidhattoota Naannoo Affaarii fi Naannoo Amaaraan Oromoo Walloo irratti guyyoottan sadeen darban bifa haarayaan banameen, Oromoonni Walloo sagal (9) Ona Harxummaa Fursee keessatti ajjeefamuu; kanneen baay'inaan sanaa ol ta'an ammoo madeeffamuu.

"Shanee fi Juuntaa waliin balleessina" jedhamuun, leenjii 'Gaachana Sirnaa'n moggaafame akka leenji'aniif, Uummanni Oromoo hidhattootaa fi dabballoota MKII'n, Konyaa Jimmaa fi Bunnoo Beddellee keessatti dirqisiifamaa jiraachuun wal-qabatee, keessattuu, Maanguddoonnii fi Hawwan Oromoo gidirfama hamaa madachaa jiraachuu.